Langanno Media

Langanno Media Aadaa keenya ammayyeesuuf

Arsii Saalaa Dubartiitiin Waamuun kun hoo obbo Dammaqaa?Arsiin Handhuura Qabsooti hin Tuffatin Gaashe::
17/04/2026

Arsii Saalaa Dubartiitiin Waamuun kun hoo obbo Dammaqaa?
Arsiin Handhuura Qabsooti hin Tuffatin Gaashe::

Oromoo dhageettaanii?Waan Hafteen Minilikii tun jettu keessa mee ergaa gabaabduu lamaan takka isiniif hiikuu.1. Finfinne...
16/04/2026

Oromoo dhageettaanii?
Waan Hafteen Minilikii tun jettu keessa mee ergaa gabaabduu lamaan takka isiniif hiikuu.
1. Finfinnee Walakkatti affeerree hin baanuu nuun jedhan Caafitti nu baasanii.
2. Ka'aa walkakaasaa Alaabaa keenna Arungaadee Bicaa qayii finfinnee walakkatti mirmirsaa.....
Nama kofalchiisuu yoo wal jalaa fuudhaanii sirba kanatti iyyan.
in Short " Was Can't be is" jette Faranjiin::

Abbaa keenyaa Jaalatamaa Obbo Baqqalaa Garbaa Gaddi kee gadda keenna mara. Rabbiin si haa jabeessuu.
08/04/2026

Abbaa keenyaa Jaalatamaa Obbo Baqqalaa Garbaa Gaddi kee gadda keenna mara. Rabbiin si haa jabeessuu.

04/02/2026

Ganama

Namni qabsoo Oromoo keessatti  qooda guddaa qaban Obbo Maammaa Argoo du'aan addunyaa kana irraa boqotan.Biyya Ameerikaa ...
28/01/2026

Namni qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa qaban Obbo Maammaa Argoo du'aan addunyaa kana irraa boqotan.

Biyya Ameerikaa Siyaatil kan jiraatan obbo Maammaa Argoo qabsoo Oromoo keessatti nama takkaa ofduuba hin jenne, hanga har'aa ijjannoo hin daddaaqamneen qabsoo Oromoo tumsuun umurii isaanii guutuu kan dabarsan ta'uu seenaan isaanii dubbata.

Qabsoo Oromoo fi waa'ee uummata Oromoo ilaalchisee warra lixaatiif hubannoo kennuu irratti hojii guddaa hojjachuu isaaniitu himama.

Nama iddoo Oromoon itti walga’e irraa hin hafne, nama osoo Oromoo fi Oromiyaa falmuu boqotan ta'uu seenaan isaanii hima.

Federeeshinii Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa OSFNA hundeessuu keessatti qooda guddaa kan qaban obbo Maammaa Argoo, tokkummaa hawaasa Oromoo Siyaatil cimsuidhaanis maqaan isaanii irra deddeebiin ka'a.

Obbo Maammaa Argoo qabsoo Oromoo jabeessuu erga bubbulanii otoo hin taane ijoollummaan itti seenanii jedhu namoonni isaan beekan.

Bara 1946 godina Arsii Lixaa Shaashamanneetti kan dhalatan obbo Maammaan, jalqaba bara 1960taa keessa waahillan isaanii waliin ta'uun naannawaa isaaniitti sochii barnoota babal'isuu jalqaban jedhan.

Sochii isaanii kanaan gandoota baadiyyaa hedduu keessatti manneen barnootaa banuu fi barsiisuu isaaniitu himama.

Obbo Maammaa Argoo barnoota fayyaa kan baratan yoo ta'u, bara 1969 Kolleejjii Narsootaa Hospitaala Yaadannoo Zawudituutii Digrii isaanii fudhatan.

Kolleejjii Fayyaa Hawaasaa Gondaritti barsiisaa narsii ta'uunis waggoota 2f tajaajilaniiru.

Magaalaa Desseetti immoo daayireektara mana barumsaa gargaarsa fayyaa Hoospitaala Asfaw-wasan ta'uunis waggoota 2f tajaajilaniiru.

Godina Arsii Lixaa nagaalaa Bulbulaatti mana qorichaa banuun hawaasaaf qorichi dhiheenyatti akka dhihaatu hojjataa turanis.

Bara 1970moota keessa hospitaala waliigalaa Shaashamanneetti hoogganaa narsootaa ta'uun kan tajaajilan obbo Maammaa Argoo, booda irra gara Adaamaatti jijjiiramuun bara 1980-1989tti hospitaala Hayilamaariyaamitti hoogganaa narsootaa ta'uun hojjatan.

Bara 1989 gara biyya Ameerikaatti qajeeluun Waashingitan DC dhaqqaban.

Ergasii bara 1992 gara Siyaatil deemuun Hawaasa Oromoo Siyaatil hooggansaan tajaajiluu jalqaban.

Achitti hawaasicha sadarkaa hooggansaa garaagaraatiin tajaajiluun gamatti dhuma torbanii torbanii irratti daa'imman afaan, aadaa, seenaa fi eenyummaa Oromoo barsiisuu irratti hojii guddaa akka hojjatan seenaan isaanii dubbata.

Obbo Maammaa Argoo erga biyya Akeerikaa dhaqaniiyyis hojii damee fayyaatiin hojjatan ittuma fufan.

Giddugala Fayyaa Harbarviiwitti waggoota 10f tajaajilan.

Namni waggoota 27f hawaasa Oromoo Siyaatil otoo of hin qusannee fi nuffe hin jenne tajaajilan obbo Maammaa Argoo, OSFNA hundeessuu irraa jalqabee waggoota 25 caalaaf akka tajaajilanis seenaan isaanii hima.

Hojiiwwan tola ooltummaa fi tajaajila hawaasummaa garaagaraa magaalaa Siyaatil irrattis dammaqinaan hirmaataa turan.

Miseensa boordii Harborview Community House Call, East African Advisory Council for Seattle Policetti miseensa boordii akkasumas miseensa boordii One America ta'uun tajaajilan.

Kana malees Horn of African Services irratti tola ooltummaan tajaajiluu, Siyaatilitti miseensa Qindoomina jaarmiyaalee Afrikaa garaagaraa ta'uun tajaajiluutu ibsame.

Mirga namootaatiif falmuun kan beekaman obbo Maammaa Argoo bultii ijaarratanii abbaa ilmaan 5 akka turan seenaan isaanii dubbata.

27/12/2025

゚viralシfypシ゚viralシ

06/12/2025

Langanno Media
Like
Comment
Share and
Follow

゚viralシfypシ゚viralシ

Angawaa Jabaa Itoophiyaa Duraanii Hidhaa Cimaa   7 fi  'a 2itti Murteessan!
05/12/2025

Angawaa Jabaa Itoophiyaa Duraanii Hidhaa Cimaa 7 fi 'a 2
itti Murteessan!

20/11/2025

Arsoomnii Qorsooma Kessaayyu Woyyooma!!! Malii Bareednii Akkana🥰🥰

Address

Oromiyaa
Shashemene

Telephone

+251939675189

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Langanno Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category